Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Rippaabilikaan ganna afran dhufaallee US bulchuuf kora isaanii RNC Charlot taa'e irratti wal jajjabeessaa dorgommii qophiitti jiran


APTOPIX Election 2020 RNC Trump North Carolina Convention August 24, 2020
APTOPIX Election 2020 RNC Trump North Carolina Convention August 24, 2020

Paartiin Rippaabilikaan ganna afran dhufaallee Amerikaa bulchuuf kora isaanii RNC irratti wal jajjabeessaa dorgommiitti jiran

Amerikaan pirezidaanti filachuuf kurfoo jirti.Paartiin Rippaabilikaan kora biyyoolessaa RNC guyyaa afur TV irratti taa’u kutaa North Carolina dira Charlot itti jiranii Wiixata jalqaban.

Akka Pirezidaanti Tiraampi ganna afran dhufaallee biyya bulchu irratti walii galanii akka innii nama paarti Demokiraati Joe Biden waliin dorgomsiisuuf kennatan.

Paartiin tun biyya Vaayireessii fi jireennii itti jabaatee miila jalaa guure akka Joe Biden filannoo hin moone walii dhaaman.

Kora paartii Rippaabilikaan Republican National Convention TV irratti taa’an. Warrii dubbatelleen hagii tokko ka dubbii isaanii koraan duratti waraaban Kornaaf jedhanii nama wal hanqisuuf tana tolchan.

“Nuun godina ykn kutaa akka malee diqqayyoo Rhode Island dhumne harka 19n qamnuun pirzidaanti Donald J Tiraampitti filannaa jennee gammachuun himanna.”

Nikki Haley, sanyii dhalootaan hidda Indiiti lammii Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddea US ta durii.

“Gurraaleen daldala didiqqaa qaban ka adoo jarii arguu jireennii harkaa bahe nu dhiba.Ijoollee gurraalee ka adii jari qahee taphatu qawween fixan jireennii jaraalleen numa ilaala jette paartii isi maqeeffatte.”
Adoo korii RNC North Carolina taa’uu Tiraampi waajjira isaa White House keessatti warra vaayireesii koronaa hadhuuf duula irra jiru waliin mariitti jiran agarsiisan.

Hujii innii hojjate keessaa huji mana murtii olaanaatif nama paartii isaa ka akka jecha isaatti Joe Biden achu hin millanne himaniif.


“Innii siyaasaa isaa fottosee, gama bitaatti oofatu mana murtii walii galaa keessatti silaa warra siyaasaa warra gama bitaa akka malee oowwisuu achi keeyyachuu fedha.Akkas taanaan egereen Amerikaan ati eegattu doote jechuu.”


Amerikaatti namii abbaa fedhu filuuf murtii ufii poostaan ergachuu danda’a.

Paartiin Demokiraati Tiraampi akka kaardi filannoo poostaan ergamtu turtee dhufu fedha jedhanii himatan.

Akkas tahuun ammoo akka innii moo’u isa gargaarti.Tiraampi ammoo Demokriaatotii filannoo poostaan wal filan fedhan jedha.Kun ammoo karaa filannoon hachisiisan jedha.

Amerikaan guyyaa 69n duubatti pirezidaantii filatti. Paartii lamaanuu Demokiraatii fi Rippaabilikaan nama lamaan walti hafee dorgomu Tiraampii Biden filatanii eebbifatanii dorgommiif kennatan.

Akka amma mullatutti Tiraampitti haga guddaan duuba jira. Taatullee namuu akka ummatii bahee isa filatu waan hedduun ufi dhugeeffachiisa.

Korii biyyoolessa paartii Rippaabilikaan RNC Wiixataa jalqabee guyyaa lamatti hafeef. Guyya lamaan kanatti jabaa fi jabduu qaban itti yaamanii jabeenna paartii ufi haasahatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG