Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Mormituu Naannoo Somaalee Mana Maree Gamtaan Hundeeffatan


Paartileen Mormituu Naannoo Somaalee Mana Maree Gamtaan Hundeeffatan
Paartileen Mormituu Naannoo Somaalee Mana Maree Gamtaan Hundeeffatan

Naannoo Somaalee keessaa Qaammee dhufu kan geggeessamu filannoo biyyoolessaa fi naannoof kanneen dorgoman paartileen siyaasaa, mana maree gamtaa hundeessuu isaanii dura taa’aan mana maree sanaa obbo Hirsii Dool beeksisaniiru. Paartii dimokraasummaa Somaalee dhiyaa bakka bu’uun miseensa mana marichaa kan to’an obbo Hirsiin, manni maree gamtaa kan paartilee siyaasaa kun filannoon inni itti aanu nagaan akka xumuramuuf gargaara jedhan.

Kana dura paartiin dimokraasummaa dhiya Somaalee fi addi walabummaa biyyoolessaa Ogadeen IZEMA fi akkasumas paartileen morkattootaa kanneen biroon galmeessuu kaadhimamtootaa fi filattootaa akkasumas dhimmootii filannoon wal qabate ka biro irratti komee dhiyeessaa turan.

Boordiin filannoos galmeessuu kaadhimamtootaa ilaalchisee komee jiru dhaggeeffatee kan sirreesse yoo ta’u, galmeessuu kanneen sagalee kennanii ilaalchisee komii dhiyaates jilli itti aanaa dura taa’aa boordii filannoon hoogganame gara naannoo Somaaleetti imalee xiinxala erga geggeessee booda naannolee filannoo hanga tokko booda irras naannoo Somaalee guutummaa keessatti filannoon gara Qaammeetti akka darbu murteessee ture.

Manni maree gamtaa amma hundeeffame keessa paartii badhaadhinaa, adda walabummaaa Ogaadeen, paartii Somaalee dhiyaa fi paartileen walabummaa fi qixxummaa miseensummaan keessatti argamu

Paartiin badhaadhinaa miseensa mana maree sanaa ta’uu isaaf komiin jiru, qalbii dhaan marii dhaan furuun barbaachisaa dha jedhanii kan amanan ta’uu obbo Hirsiin ibsaniiru jedha Addis Chekol Dirre Dhawaa irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG