Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Mormituu Oromoo Miseensonni Keenya Hidhamaa fi Dararamaa Jiru Jedhu.


Paartileen mormituu Ethiopiaa lama filannoo bara 2002 booda hidhaa fi dararaan miseensota keenya irra ga’aa ture erga gab jedhee booda irra deebi’uun itti fufee jira jechuu barreessaan warraaqsa fderaalistii dimokraasummaa Oromoo Obbo Baqqalaa Naggaa VOAf ibsaniiru.

Kanneen keessaa hagi tokko eessatti akka hidhaman illee hin beekamu jedhu. Obbo Baqqalaan maatii namoota hidhaman kanaa wabii godhachuun akka dubbatanitti miseensota isaanii kanneen turaniif yeroo filannoo bara 2002 paarlamaaf dorgomanii ka turan obbo Mulatu Shifarraa mana jireenya isaanii dhaquun sakta’anii argachuu dhaban jedhan.

Ijoolleen isaanii umurii 14 fi 15 bakka isaanii qabamanii mana hidhaa Gimbiitti hidhamuu isaasniis beeksisaniiru. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira congresa uummata Oromoo obbo Olbaanaa Leellisaas haaluma wal fakkaatu VOAF ibsuu dhaan qaama hawaasaa mara keessaa miseensonni keenya qabamanii hidhamaa jiru jedhan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG