Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezdaantiin Buruundii Amma Bara 2034-tti Angoorra Akka Turan Murtaahe


Lammiwwan Burundii sagalee kennnaniin heera biyyattii fooyyessuun, akka prezidaantiin biyyattii haga bara 2034-tti taayitaa irra turuu danda’an kan eyyamu taasisanii jiran.

Koomishinni har’a akka beeksisetti, uummata biyyattii sagalee kenne keessaa dhibba harki toorbaatamii sadii, akka heera biyyattii keessatti jijjiiramni kun tahuu deggere.

Yeroo bulchiinsa prezidaantii biyyaa marsaa shan irraa gara marsaa toorbaatti guddise – jijjiirraan heeraa kun. Akkaataa kanatti prezidaantiin biyyattii – Pi’eeree Nikurunziizaa, marsaan prezidaantummaa isaanii kan ammaa eega xumuramee, marsaa lama dabalataaf filatamuu danda’u.

Akkasumas, taayitaa muummicha-ministaraa haaraa banuudhaan, walii-galteen aangoo qooddannaa gosa Tutsii fi Hutuu gidduu akka hojii irra oolfamu karaa saaqee jira.

Dhimma kana ilaachisuun kan ibsa kennan – dubbi-himtuun Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – HEEZER NAURT, deemsi filannoo sanaa, kan iftooma hin qabne, miidiyaalee ugguree fi sagalee-kennitoota irratti dhiibbaa gochuun geggeessame – jechuun qeeqe.

Riferendemiin sun geggeessamuu isaa guyyaa tokko dursee, mootummaan Burundii tamsaasalee VOA fi BBC ugguree ture

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG