Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Finfinnee yeroo seenaan Muummicha Ministiraa Itoophiyaa, Abiy Ahimadiin simatamaniiru.
Erga hoggantoonni biyyoota lamaanii waldhabdee cimaa oggaa tokkoof ture xumuruuf kaayyeffatanii waliigaltee irra gahaniin ji’a tokko booda magaalaa guddoo Itiyoophiyaa daawwatan. Waajjirri preezdaantii Somaaliyaa affeerraa Abiyyin Mohaammud Finfinneetti daawwannaa akka godhan ibsa baaseen beeksisee ture. Ibsichiis, “Mariin hooggansa Itoophiyaa wajjin goonu hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi aantummaa waliinii tarkaanfachiisuuf waan kaayyeffate” jedha.
Itoophiyaan naannoo Somaaliyaarraa addaan baate Somaaliland wajjiin waliigaltee hulaa galaanaa majjii 1, 2024 erga mallatteesite booda Itoophiyaa fi Somaaliyaan waldhabdee dippilomaasii keessa turanii Mudde 11 darbe waliigalteerra ga’aniiru.
Qondaaltonni Somaalilaan Waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand irra gahan qarqara galaanaa kiiloo meetira 20 oggoota 50f Ityoophiyaaf kireessuu, Somaalilaand immoo beekamtii dippilomaasii argachuuf yaadame ta’uu himan.
Mootummaan Somaaliyaa walii galtee kana fudhatama dhabsiisee, “gatii fi qabiyyee an in qabne jechuun, Ityoophiyaan abbaa biyyummaa fi daangaa Somaaliyaa ifatti sarbite jechuun himate.
Sambata Duraa harraa Finfinneetti qophiin daawwannaa Mohaammudif godhame in mul’ata. Suuraan pireezidaanti kun gabatee biilboordii elektirooniksii karaa guguddaa irratti maxxanfamuu gabaasaan Sagalee Ameerikaa Finfinnee jiru mirkaneeseera. Suuraa tokko jalatti "Baga nagaan dhuftan Pirezidaantii Sheek Mahmuud" jedhamee barreeffameera.
Alaabaan Somaaliyaa fi Itoophiyaas balali'aa jira. Daandiiwwan Buufata Xiyyaaraa Boolee irraa gara Masaraa Mootummaatti deeman Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaan eegamaa jiran.
Forum