Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez., Joe Biden bultii 100 keessatti nama Amerikaa miliyoona 100f qorsa Koronaa kennuuf hujiitti jira


President Joe Biden delivers remarks on the economy in the State Dining Room of the White House, Friday, Jan. 22, 2021, in Washington. (AP Photo/Evan Vucci)
President Joe Biden delivers remarks on the economy in the State Dining Room of the White House, Friday, Jan. 22, 2021, in Washington. (AP Photo/Evan Vucci)

COVID-19 Amerikaa keessaa kuma 410 caalaa fixee miliyoona 25 caalaa irratti argan.

Dhiba kana ufi irraa dhowwuuf buchiinsii kun hajaja bara waraanaa baafatan baasee hujiittiin jira. Qabeennii mootummaa haga guddaa hujii tanaan hojjachuutit jiran jechuu.

Karoora kanaan guyyaatit nama miliyoona tokkootti qorsa kana argata jechuu. Hujii tana mootummaan Biden gaafuma hujii tana itti kennan jalqabee itti jira.

Amerikaan haga ammaatti nama miliyoona 20 gadiitit qorsa Koronaa argate. Amerikaa qorsa Pfizer BionTech fi modernan hojjatan biyyaa qooduutti jirti.

Kaalifoorniyaa qofatit nama miliyoona 3.1 caalutti COVID-19 qaba kuma 36 caalaa galaafate.Los Angeles qofatti nama miliyoona 1.6 irratti argan. Kaalifoorniyaan godina Amerikaa gugurdaa keessaa tokkoo.Nama miliyoona 40 keessa qubata.

Qorsa kana yoo kennan qaraa warra dhiba kanaan akka malee walti dhiyaatu, ogeeyyota fayyaa,warra humna laafaa jechaa akkasiin wal irra marsuutti jiran.Achiin duubatti manneen barnootaallee

Hajaja kana tokko imaltuu Amerikaatiin dhufan jabeessanii tohachuu, guyyaa dhibba 100 keesatti nama Amerikaa miliyoona 100 akmimuu,manneen barnootaallee ufi eegachaa banu fa.

Yoo akkuma jedhan kanaan deeman bara 2021 keessa nama Amerikaa miliyoona 320 caalu akimanii waliin gahuu dandahan jechuu.

Addunyaa keessaa nama miliyoona 96.2 irratti koronaa arganii nama miliyoona 2.06 galaafatee nama miliyoona 53.1 caalutti fayye.

Biyyootii guddatan qora argatana waliin gahuutti jiranii Afrikaan qorsa kana argattee qixeeffachuuf haga bara 2024 turuu fa dandeetti akka warrii qorate jedhetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG