Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaantiin Heeytii Ajjeefaman


Ajjeechaa prezidaantii biyyatii irratii raawateme iraa kan ka’e lammiileen biyya Hayiitii aariidhaaf sodaa isaanii ibsaa jiru.

Ajjeechaa dheengadda prezidaantii Heeyitii Jovenel Moosee boodaa Maneewan daldalaa waan cufaa turanii fi Jiraattonii manaa waan hin baneef daandiwan magaalaa gudutii biyyatii poortio priins kaleessa qabana’anii oolan.

Poolisoonii meeshaa cicimoo hedhatanii fi konkolawattoon waraanaa bakka hundatii mul’achaa turan.

Hogganaa biyyatii ta’uu isaanii kan himan Muumeen ministeeraa yeroo Klaawud Joseph biyyatii keesatii labisii yeroo atattamaa ojii irra ooleera.

Akka haangahoonii hayitii jedhanitii namoonii meeshaa waraanaa jajjaboo hidhatan , qondaaltota Yunaayitid isteets warra qorchaa nama adoochuu sakatta’an fakkaatanii mana prezidaantichaa seenuudhaan prezidaantii Ajjeesanii haadha warraa isaanii madeesaniiru.haatii warraa prezidaantichaa yunaayitid isteet keessa mayyaamitii waldhaanamaa jiru.

Namoonii ajjeechaa qindaawaa ta’ee kana irrati hirmaatan afaan ingiliziitii fi ispaanishii akka dubbatan himaneera.

Ajajaan poolisii biyyoolesaa hayiitii akka gabastotatti himaniti namootaan bitamanii prezidaantichaa ajjeesuudhaan shakkaman 4 ajjeefamuu isaanii beekisaniiru. Shakkamtoonii lamammoo qabamaniiru jedhamera.

Poolisoonii mootummaa biyyatii 3 ergaa shakkamtoota Kanaan okaamsamanii turanii boodaa bilisaa bahu isaanii kan dubbataan ajaajaan poolisii hayitii wa’ee tarkaanfii ajjeechichaa wantii baldhinaan dubbatan hin jiru.

Ajeechaa kana bareesaa olaanaa dhaabata mootumoota gamtoomanii, prezidaantii yunaayitid isteets Joo Bayiden, hoggannaa walldaa kaatoliikii adduuunyaa poopii fraansis dabalatee oggantoonii biyootaa fi jaarmiyaalee adda addawa mormii isaanii dhiyeesanii gochichaa abaaruun isaanii beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG