Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaanti Tiraampi Kenosha, Wisconsin dhaqee poolisiin wal mari’atee qabeenna badellee laale


wis
wis

Kenoshaa,Wiskansen lafa dhiyoo tana poolisiin faranjii nama gurraacha Jacob Flake rasaasa torbaan itti hadhee hiriirii mormii guddaan lafatti baafate.

Nama kana qabamuu didee poolisii baqate jedhanii akkana tolchan.Rasaasa afran keessaa afuriin dhahan achumaan hidhaa gadi chochuu dadhabe.

Jeequmsa dhowwuuf jabaachuu maltee lafa qabbaneessuu maltee murataa tahuu malte jedhe, Tiraampi yoo warra lafa eegu Kenoshaatti dubbise.

Warra wa saamutti jiraa,ka dubbii oowwisutti jira warra irreen buluu fedhutti jira jedhe, Tiraampi yoo jara poolisii suniin wal haasahe.

Itti aanaan pirezidaantii Amerikaa, ka durii fi amma pirezidaantii tahuuf Tiraampiin wal dorgomutti ka jiru, Joe Biden ammoo Tiraampi jeequmsa hin balaaleffannee warra hiriira sun irrati nama lama fixelleen womaa hin jenne ammallee laafinnaa pirezidaantummaa qabu agarsiisa jedhe.

Itti aantuun duula filannoo Biden Kate Bedingfield, ammoo Tiraampi ufuma mumullisuu Kenosha dhufe malee faayidaa dhufeef hin qabu jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG