Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaanti Tiraampii fi Joe Biden nama paartii isaanii fulaa bu’ee senetii tahuuf dorgomu deeggaruuf Joorjiyaa jiran


(COMBO) This combination of file pictures created on October 30, 2020 shows Democratic Presidential candidate Joe Biden in Coconut Creek, Florida, on October 29, 2020; and US President Donald Trump arrives to a campaign rally in Green Bay, Wisconsin on Oc
(COMBO) This combination of file pictures created on October 30, 2020 shows Democratic Presidential candidate Joe Biden in Coconut Creek, Florida, on October 29, 2020; and US President Donald Trump arrives to a campaign rally in Green Bay, Wisconsin on Oc

Amerikaan Sadaasaa 3,2020 bulchoota isii filattee qixeeffatte.nBulchootii tun bulchoota naannoo, miseensa mana marii fi Senetiilleen keessuma jira.

Warra kutaa Joorjiyaatti senetii irratti wal dorgome ammoo wal moo’uu hin dandeenne ammallee Ammajii 5,2021 walti deebis%an.

Warrii amma walti hafe David Perdue(R) fi Jon Ossoff(D).Akka seera kutaa Joorjiyaatti warri wal dorgomu abbaa %50 argatetti moo’a.Akka kanaan filannoo Sadaasaa Sadiitti Perdue %49.7 Ossoff ammoo %47.9 argate. Perdue nama Demokiraati Michelle Nunn bara 2014 keessa %53 fi %45 moo’ee filame.

Ossof bara 2017 irratti miseensa mana marii Amerikaa tahuuf nama paartii Rippaabilikaan waliin dorgome akkanuma irra deebi’anii dorgomsiisanii moo’ame.

Tiraampii fi Joe Biden nama paartii isaanii fulaa bu’ee dorgomuu hayyuma dhawachuu ykn deeggaruuf Joorjiyaa jiran.

Pirezidaanti Tiraampi dorgommii pirezidaantummaa irratti kutaa Joorjiyaatit hin moone. Akka bulchiinsii kutaa sunii filannoo innii sun qajeelchaniif bilbilaan gaafatee dhossaan sun addunyaatti gadi baate.

Isaa akkana gaafachuutti jiru bilbilaan waraabnii gadi baasan.Pirezidaantiin filannoo isaa fi paartii isaa moohamte akka seera dabsani moohachiisan gaafachuun seeraa alaati.

Namii Tiraampi waan kana dhossaan gaafate itti gaafamtaa filannoo kutaa Joorjiyaa,Brad Raffensperger.

Akkana jedheen“Ilaa ilaali tana wannii ani fedhu.Nama 11 ,780n nu caalan. Ta hagasii naa barbaadi.Maan jennaan achitti nutti moo’e,” isa jedhuu bilbilaan waraaban.

Namii innii akkana jedhuun kun nama paartii isaaa Rippaabilikaan. Oduun tun Washington Post irraa gadi baate.

Tiraampi ammoo gaafatamaa damee haajaa alaa godina suniii Brad Raffensperger akka waan filannoo Joorjiyaa seera hin guutinii wal haasomne waan ani gaafadhe deebisuu hin feene ykn ammo hin dandeenne jedhe.

Maqaa dharaatiin filatan,nama du’e jiraa fakkeessanii filan jedhe. Pirezidaanti Tiraampi filannoon pirezidaantummaa Amerikaa ta baranaa seera filannoo hin guunne jedhullee manii murti ammoo irraa hin fudhanne.

Woma taateefuu pirezidaanti Tiraampii fi namii filannoo pirezidaantummaa Amerikaa moohatee labsaniif Joe Baayden nama paartii isaanii fulaa bu’eek kutaa Joorjiyaatti senterii Amerikaa tahuuf dorogmuutti achi jiran warra waan hedduun eegatan.

Nama afuritti wal dorgomuutti jira.Paarii lachuu keesssaa lama lama.Paartiin senetii Amerikaa moote mootummaa gama hedduu harkatti deebifatti.

Pirezidanti Tiraampi dira Dalton dhaqe akka ummtii bahee nama warra paartii isaa keessaa dorgomu David Perdue fi Kelly Loeffler filatu jajjabeessaaf.

Joe Baayden ammoo Atlaantaatti dabree nama paartii isaa keessaa dorgomu,Jon Ossoff fi paasterii mana amantii kiristaanaa Raphael Warnock ummatii bahee filatu jajjabeessuutti jira.

Kongireesiin Amerikaa Ammajii jaha nama pirezidaantummaa Amerikaa moo’ate warqata raga kenna.

Paartii isaa Rippaabilikaan keessaa miseenostii mana marii 100 caalan fi seneterootii kurnya tahan haga wannii cuftii qoratamtutti akka ragaa kana Joo Baaydenii hin kennine fedhan.

Dhaabii fiannoo Amerikaa tohatu Electoral College Muddee keessa filannoon pirezidaantummaa Amerikaa seeruma filannoon deemtee Joe Bidenitti filannoo moo’e jedhee raga kenneefii.

Baayden torbaan lama keesatti kakatee pirezidaantii Amerikaa 46essoo tahee hujii jalqabuuf kurfoo jira.

Haataatuutii ammoo seenaa filannoo Amerikaa ganna 245 keesatti Tiraampi waliin pirezidaanti 5tti ganna 4 qofa bulche moohame jedhaniin.

Ministerootii waraana Amerikaa ta durii 10 jedhanitti filannoon Ameikaa seera filannoo hin guunne jedhanii humna waraanaatiin filannoo jjiiruuf yaaduun waan hin fakkaanne jedhanii morman.

Itti gaafatamtootii tun paartii Rippaabilikaanii fi Demokiraati ka durii barreeffama maqaa isaaniillee iratti barreessanii gaazexaa irratti baasan.Filannoo jijjiiruuf humna waranaa itti fayyadamuuf deemuun biyya afaan balaa buusa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG