Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaanti Doonaldi Tiraampii Miseensotii Kongireesii Amerikaa afuriin dubbiin wal qoqqoluutti jira


TRUMP-DEMOCRATAS
TRUMP-DEMOCRATAS

Pirezidaanti Tiraampii fi miilotii isaa dhiyoo tana Ilaan Oomar yo Amerikaan sii hin “biyya dhufteefitti deebi’i” jechaa bahan.

Oomari mana marii Amerikaa keessatti footoo kaatee “ani asi jiraa, asumatti naaf male mana ummataa keessa jira wannii jiraa tanuma tanumatti obsi,” jettee deebii kenniteef.Ilan Oomar lammii Amerikaati.


Tiraampi hardha waliin guyyaa afur Ilaan Oomar miilota isii Kongireessii Amerikaa nama afuriin yoo isaaniin hin tahin biyya teessanitti ufi rraa galuu dandeettan jedheen.

"Akka ani sehutti jarii kun Amerikaa jibba,”jedhe Tiraampi Ilaan Oomar, Aleksanderiyaa Korteezii,Ayana Pressely fi Rashida Tlaib.”

Jarii afranuu hiddii isaanii biyya ormaati taatullee barana kongireesii Amerikaatii filamee paartii demokiraati keessa jira.Tiraampi yoo hardha godina North Karlolina dhaqellee “Ilaan sanyii Semetik jibbit” jedhee.

Gumiin innii wa itti dubbachuutti jiru ammoo “lallabee biyya isiitti nurra ergi,” jedheen.Ilaan Oomar walalaaoo qabsooftu Amerikaa beekamtu, Maya Angelo fkn fudhattee Tiraampii deebii kennite.


"Dubbiin na madeessuu fa dandeettaa,ilaan nama waraanuu dandeettaa ,jibbaan na ijjeesuu fa dandeettaa taatullee ani akkuma qilleensaa oli ka’aa,” jetteen.

Waan pirezidaanti Tiraampi miseensota Kongiressii Amerikaa kanaan jechuutti jiru nama hedduutti jibbaa deemuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG