Tiraamp meeshaalee Chaayinaa irraa galan irratti taarifa haaraan dhibba irraa harki 10% Wixata halkan walakkaa hojiirra kan oole yoo ta’u, Chaayinaan battala Cilee fi gaazii uumamaa kan Yunaayitid Isteetis i irratti taarifa dhibba irraa harka 15% akkasumas dhukuta boba’aa, meeshaalee qonnaa fi konkolaataa hanga tokko irra taarifa dhibbba irraa harka 10% akka keessu beeksifteetti.
Tiraamp Wixata kaleessaa meeshaalee Meeksikoo fi Kanadaa irraa ergaman irra akka kaa’amu kan labsan taarifa dhibba irraa harka 25% ji’a tokkoof duubatti deebisaniiru.
Kun kan dhaga’ame erga Pirezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheinbaum fi Muummichi Ministeeraa Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo deddeebii dawaa sammuu adoochu kanneen akka fentanyl fi opioid kan lubbuu namaa galaafatuu fi waggoota dhiyoo asitti lammiilee Ameerikaa kuma dhibba hedduu galaafate gara Ameerikaatti dhufu to’achuuf tattaaffii taasisamu dabaluuf waliigalanii booda.
Tiraamp taarifa kana meeshaalee Chaayinaa irraa galan irra galan irra taarifa kan kaa’an, Chaayinaan gara Yunaayitid Isteetsitti seeraan alaa dawaa fentanyl jedhamu akka hin seenne tarkaanfii akka fudhattu dhiibbaa gochuuf akka ta’e ibsuu dhaan, yunaayitid Isteetis Chaayinaan garee yakkamtoota dawaa sammuu adoochu deddeebisan kanneen Meeksikoo dawaa Fentanyl jedhamu keemikaala ittiin oomishaan kan dhiyeessitu isee ijoo ta’uu amanti jedhan.
Forum