Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirimiyeer Liigii Ingiliiz itti jiran Aston Villa Fulahm 3-0 irraa galchite Lesester Sitiin Manchester Sitii 5-2 eegee dhaabsifte


Leicester's Nampalys Mendy, left vies for the ball with Manchester City's Raheem Sterling, center and Leicester's Youri Tielemans during the English Premier League soccer match between Manchester City and Leicester City at the Etihad stadium in Manchester

Dorogmmii English Preimer League 2020/21 itti jiran.Hardha Liverpool Arsenal 3-1 irra agalchite Aston Villan ammoo Fulahn 3-0 eegee fuute.

Lecsester Sitii durii jabeenna hagana gahuun guddoo beekuullee baatan tapha kalee Machester Sitii 5-2 qaarifte suniin woma ufi keessaa qabdu hedduu agarsiifatte.

Jamie Vary goolii 3 keessa buufate James Madison fi Youri Telemans ammoo tokko tokko irra buusaniif.

Boqonnaan duratti ijoolleen Machester Sitii tapha oowwifattee daqiiqaa afreessoo irratti gooli galfatte.

Manchester boqonnaan duubatti waan muusofte fakkaati adoo jarii arguu Ijoolleen Lesester Sitii jaluma mimmiliqaa kubbaa waluma irraa butaa gooliin aati.

Goolii takkatti daqiiqaa afressoo Man Sitii sun namii galcheef Riyad Mahrezi. Daqiiqaa 84essoo irralleetti ammoo namii galcheef Natan Ake.

Tapha kalee irratti warrii Man Sitii kubbaa gooliitit dhiyaachuu dhowwu, defense laafinna guddaatti irraa mullata waan hedduu dogongranillee.

Sergio Aguero fi Gabriel Jesus miilii miidhamee tapha keessa jiraachuu dhabuulleen rakkoo dhibii itti taate.

Tapha kalee irratti boqonnaan duuatti kubbaan haga guddaan harkuma ijoollee Lesers Sitii irra oolte.

Jamie Vardy Leseser Sitiif kalee sadii galfachuu qofaa mitii ijllee Sitii irraa kubbaa hedduu buufate.

Man Sitiin warra jidduu taphatee gubbaa gooliitit dhiyaachu dhowwu irratti duruu horii guddaa baafti.

Ammallee Ruben Dias taphata Poortgulaan kilabii Benfica irraa doolara miliyoona 80 dhiyaattuu fudahcuutti jirti.

Man Sitii ganna afur keessatti paawondii miliyoona 368n keesattu wara defesne ykn kubbaa goolii dhiyaachuu dhowwuuf bitatte.

Tapha kaleetiin

West Ham Wolves 4-0

Totten Hami fi New Castle lanqaansoo, walqixxee bahan.

Lees United Sheffield United 1-0

Addunyaan ufiifuu Koronaan miila jalaa guuree manatti raree taphallee namii Televizhiinuma irraa daawwata.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG