Xurree ittiin seenan

Breaking News

Polisiin Fedeeraalaa Midiyaa wajjiin Haala Hidhata Qabuun Namoota To'annaa Jala Oolan Irratti Ibsa Baasee Jira


FAAYILII - Magaala Finfinnee naannoo marfata Masqalaa, Guraandhala 21, 2018
FAAYILII - Magaala Finfinnee naannoo marfata Masqalaa, Guraandhala 21, 2018

Polisiin fedeeraalaa kan Itiyoophyaa galgala kana fuula fees buukii isaa irratti ibsa baasee labsii sabaa himaa lakkoobsa 1238/2013 hundee godhatee ehama tamsaasa sabaa himaa tokko iyyu ituu hin qabaatiin nagaa fi nageenya uummataa kan jeeqan akkasumas dhimma sabaa fi amantii irratti odeefannoo walitti bu’iinsaa kakaasan warra tamsaasan akkasumas odeeffannoo dogoggoraan mootummaa fi uummata adda baasuuf guyyaa fi halkan kan hojjatan sabaa himaa gama intarneetiin tamsaasaman 111 jiraachuu mirkaneeffadheera jedhee jira.

Kanneen keessaa kan adda ta’an shakkamtoota 10 to’annaa jala olchuun dhimmi isaanii qulqulleessaa akka jiru polisiin fedeeraalaa beeksiisee jira.

Namoonni kun dhimmoota sabaa fi amantii irratti ajandaa oloolaa qopheessuun nagaa fi nageenyai biyyatti keessaa akka hin tasgaboofne gochuun haasawaa jibbaa facaaasuun dhimma sabaa fi amantii gidduutti shakkiin akka uumamuu taasisaa turan jedha ibsi polisiin fedeeraalaa baasee kun. Gama kaaniin Jaarmayaan mirga namoomaa gara jalqaba torbanti ibsa baaseen mootummaan mirgii walaba ta’anii yaada ofii ibsachuu akka seera sadarkaa addunyaatti kabajamuu isaa akka mirkaneessuuf gaafatee jira. Hidhaan kun faallaa seera midiyaa ta’u isaas ibsee jira.

Komishinni mirga namoomaa kan Itiyoohpyaas dhaaamsa wal fakkaataa dabrseen namoota midiyaa dhiyeenya kana Itiyoophiyaa keessatti hidhaman akka hiikaman gaafatee jira. Paarlaamaan Itiyoophiyaa waggaa dabreeseera midiyaa haaraa fi caalaatti gaarii ta’e raggaasisee ture. seerrii Midiyaa Keyyatii 18 heer keyyatii tokko akka jedhutti, namnii midiyaa irratti hojii seeraan alaa raawwate qorannaa ka biraa ituu hin barbaachisiin ,battalumatti seera duratti dhiyaachuu qaba jedha.

Kana malees Seerrii Itiyoophiyaa keyyatii 19 mootummaan Itiyoophiyaa haal duree tokko malee Gaazexxessoota hidhaman akka gadhiisuuf gaafata jehuun Keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG