Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namootni Godinaalee Oromiyaa irraa Moyyaalee Deeman Poolisiin Naannoo Somaalee Sababa Malee Nu Hidhaa Jiru Jedhu


Magaala Moyyaalee, Keenyaa, 2008.
Magaala Moyyaalee, Keenyaa, 2008.

Dhalattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa biroo irraa Magaala Mooyyalee deeman Poolisiin Mootummaa Naannoo Somaalee seeraan ala qabee nu hidhaa jiraa jechuudhaan himatan.

Dhalataan Oromoo poolisii mootummaa naannoo somaaleen ji’a lamaa ol hidhame jedhu tokko akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himettii, poolisoonni kuni utuun waraqaa eenyummaakoo ibsu isaanitti agarsiisuu humnaan na fuudhanii mana hidhaatti na darbanii jedha.

Waa’ee hidhamuu namoota kanaa Raadiyoon Sagalee Ameerikaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa gartokkee magaalattii bulchu gaafatus, bulchiinsi Oromiyaa magaala Moyyaalee garuu dhimma kana ilaalchisee yaada kennuu hin dandeenyu jedhan.

Yeroo dhiyoodhaa as kana Godinaalee Oromiyaa kaanirraa gara Magaala Moyyaalee dhimma dhuunfaa isaaniitiif namootni dhufan humni poolisii Magaala Moyyaalee sababa malee nu hidhaa jiraa jechuun komii himatan.

Akkas jechaan ka himatanis, baayyeen isaanii hojii humnaa barbaacha, kaanimmoo dhimma dhuunfaa mataa isaaniif jecha gara magaala Moyyaalee kan deemaniidha.Namootni kunis akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himanittii, kan hidhaa nurraan gayaa jiru qaama magaalattii gartokkee bulchu mootummaa naannoo somaaleetii jedhu.

Dargaggoon Godina Shawaa Lixaatii hojii humnaa hojjedhee bulu barbaacha Moyyaalee dhufe jedhu akka jedhuttii waraqaa eenyummaakoo himu utuun poolisoota na gaafatanitti agarsiisuu isaan garuu sana dhiisanii ji’a lama guutuu akkasumaan na hidhanii jedha.

Inni biroommoo barataa koolleejjii Godina Arsii Lixaarraa gara Moyyaalee osoo bilbila bitachuuf deemuu qabamee bultii 15 hidhamee bahe jedhuudha. Innis magaala moyyaalee naannoo quxxebaa jedhamuttii godinaalee Oromiyaa kaanirraa dargaggoonni dhufan hidhamanii jiraachuu isaanii dubbata.

Barataan kunis dabaluudhaan turtii bultii 15 booda mattaha yookiin gubboo kennee akka bahe hima. Garuu hiriyaan isaa isa waliin qabame kan maqaan isaa fayisaa yaadaa jedhamu sababa sirbi afaan oromoo bilbila isaa keessatti argameef amma yoonaa mana hidhaa naannoo quxxebaa keessa akka jiru dubbata.

Bakki mana hidhaa kunis asxaa ykn alaabaa akka hin qabnee mana dhuunfaa akka tahe darbees namni yoo gaaffiif deemellee akka eegdonni hidhamtoota kana gaafachuuf nama hin seensifne dargaggoonni hidhamanii bahani kuni Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Dhimmi kuni bakka raawwatamaa jira jedhame, bulchiinsa naannoo Somaalee magalaa Moyyaalee akka yaada nuuf kennaniif irra deddeebiin gaafannus qaama bulchiinsaas tahe qaama poolisii keessaa nama yaada nuuf kennu argachuu hin dandeenye.

Gama birootiin gartokkee magaalaa Moyyaale kan bulchu bulchiinsa naannoo Oromiyaa magaalattiitiif waa’ee hidhamuu dargaggoota kanaa yoo gaafannu yaada isiniif kennuu hin dandeenyuu jedhan.

Namoota Godinaalee Oromiyaa kaanirraa Moyyaalee deeman poolisiin hidhaa jira jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:07 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG