Vaatikaan Wiixata har’a akka jettetti Abuniin kaatoolikii Roomaa Poopi Firaansis dhukkuba sombaa walxaxaa ta’een hospitaala ciisuu kan itti fufee yoo ta’u halkan tasgabbaa’aa booda boqochaa akka jiran Vaatikaan Wiixata har’a ibsee jira.
Dilbata kaleessaa galgala, hakiimonni Hospitaala Gemellii kan Roomaa akka gabaasanitti, qorannoon dhiigaa gaggeeffame Kaleen isaanii dadhabu sadarkaa duraa kan agarsiisu ta’u, kanas ta’e sana to’annoo jala oolee akka jiru ibsan.
Poop Firaansis haala yaaddessaa keessa jiraatanis Dsamabata dabree irraa eegalee rakkoon sirna hargansuu dabalataa akka isaan hin mudanne himaniiru.
Doktooronni akka jedhanitti, Abunii ganna 88 kanaa, umrii isaaniin, dadhabina qabanii fi dhukkuba sombaa duraan ture ilaalcha keessa galchuun haalli isaanii yaaddeessaa ta’u ibsan.
Wiixata har’a guyyaa 10ffaa Poop Firaansis hospitaala keessa kan turan yoo ta’u, kunis aangoo kana eega qabatanii as yeroo dheeraa hospitaala ciisan taasiseera.
Forum