Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Gaambiyaa Rakkoo Keenya Ofii Furanna Jedhu


Prezidaantii Gambiyaa,Yahyah Jamme
Prezidaantii Gambiyaa,Yahyah Jamme

Hogganoonni biyyoota alaa deemsa filannoo biyya keenyaa gidduu seenuu hin qabdan jechuun Kan silaa aangoo gadhisuu qaban prezidaantiin Gambiyaa Yahyah Jamme akeekkachiisanii jiru.

Gaambiyaa waggootii diigdamii lamaaf kan bulchan Yaahyaa Jameeh kibxata Amajjii 10 bara 2017 Televiziyoona mootummaa irratti akka ibsanti filannoo muddee darbee gaggeeffameen erga injifatamanii booda aangoo gadhisuu fi dhisuu kan ilaaleen Gaambiyaan ofii ishee murteessuu dandeessi jedhan.

Oloolaa fi odeeffannoo sirri hin taane na irratti gaggeeffame jedhan irrattis akeekkachiisa kennanii jiru.

Prezidaantichii kaadhimamaa mormituu Adam Barrown Muddee 1 eega injifatamanii booda ba’ii filmaatichaa hin simadhu jedhan. Sababaan kennanis biyyootii alaa hedduutu dhimmi keenya keessa seene ka jedhu.Kanaaf lammiwwan Gaambiyaa walitti dhufanii furmaata akka barbaadan gaafachuun ni danda’ama jedhu.

XS
SM
MD
LG