Pirezidaantiin Bootswaanaa Mokgweetsi Masisi filannoo waliigalaa gaggeeffameen mo’amuu isaanii Jimaata har’a amananii kan fudhatan yoo ta’u, kunis yeroo jijjiirama guddaa erga bara 1960moota keessa Biriteen irraa walaba ta’ee kaasee waggoota 58 aangoo bulchiinsa paartiin biyya bulchu xumursisee jira.
Masisiin ba’iin filmaataa inni dhumaa osoo hin labsamiin dura yoo ta’u, paartiin biyya bulchaa jiru “Paartiin Dimookiraatawaa Bootswaanaa” filannoo paarlaamaa irratti sadarkaa 4ffaa irratti duubatti hafeera.
Paartiin mormituu inni guddaan (Umbrella for Democratic Change ) jedhamu ba’ii sagalee hanaga tokko lakka’ameen dursa cimaa qabaachuun, kaadhimamaa isaa Duma Boko, addunyaa irratti biyyoota albuudaa daayimandii oomishan gurguddoo keessaa tokko taate pirezidaantii ta’uuf nama jaallatamu taasiseera.
Masisiin mo'amuu isaanii amananii fudhachuu isaanii itti himuuf Bookootti bilbiluu isaanii akkasumas Bookoon haala qubsaa ta’een pirezidaantii filatame ta'uu dubbatanii jiru.
Masisi sagalee kennamee guyyaa lama booda ganama barii ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, ''filannoo kana nan fudhadha,'' jedhan. "Adeemsa dimokiraasii keenyaan nan boona. Angoo Marsaa lammaffaa barbaadus, kabajaan gara cinaatti goree adeemsa ce'umsaa salphaa ta'e irratti nan hirmaadha." Ba’iin filannoo ka xumuuraa Jimaata har’a gara boodaa labsama jedhamee eegama.
Forum