Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hasawaa Prezidaant Obaamaa fi Gumii Tokkummaa mootummotaa


Prezidaant Baraak Obaamaa
Prezidaant Baraak Obaamaa
Biyyonni adda addaa fi uummanni isaanii karaa nagaan walitti dufanii falmii isaan giddu furachuun walii wajjin badhaadhuun waan garaatti hin yaadamne ture jechuun prezidaantiin Yunaaytiid Stetes Baraak Obaamaa gumii walii galaa kan Tokkummaa mootummotaa irratti dubbatanii jiran.

Hojiin Tokk mootummotaa walitti bu’iinsa furuuf seera kabajsisuuf akkasumas wal ta’iinsa uumuuf ta’uu kan ibsan prezidaant Obamaan dhukkuboota dhabamsisuu ijoollee barsisuu fi nagaa busuu keessatti qooda fudhateera jedhan.

Baroota prezidaantii ta’nii turan shanan keessaa harka caalaa dinagdee addunyaa wal simsisuu irratti hojjataa akka turan kan ibsan Obamaan kufaatii dinagdee mudate keessaa ba’uuf yaalii tokkummaan biyyonni walgahii kana irratti argaman godhan faarsan.

Addunyaan wal ta’uu isaan nagaan addunyaa irraa isa waggaa 5 dura ture irra foyya’uu isa ibsanii jiru.

Imaammata yunaaytiid states giddu galeessa bahaa fi Afrikaa kaabaa irratti qabdu ennaa ibsan humna waraanaa dabalatee waan qabnu maraan fedhii kutaa sana keessatti qabnu ni eegsiifna jedhan.

Dhimma siriyaa kan ilaaleen furmaata karaa diplomaasii akka barbaannu gita koo kan Raashiyaa vladmir putinitti himaan ture jedhanii Amerikaa Raashiyaa fi michoonni ka biroon meeshaa kemikaalaa siriyaan qabdu to’annaa addunyaa jala oolchinee boodas barbadeessuuf walii galleerra jedhu.

Sagantaa Nukleera Iraan kan ilaaleen danqaa jiru karaa nagaan furuu akka feenu ibsineerra kan jedhan prez Obamaan garuu gara meeshaa Nukleeraa omiishuutti akka hin guddanneef dhaabuuf cicha qabna jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:48 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG