Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaraak Obaamaan Afriikaa Kibbaa Daawwataa Jiran


Yaadannoo waggaa 100 Hoogganaa farra appaartaayidii kan Nelson Maandeellaa irratti haasaa kan dhageessisan prezidaantii US duraanii Baaraak Obaamaa dhaga’uuf yoo xiqqaate lammiiwwan Afriikaa Kibbaa kuma 14 ta’an staadieemii Johannesburd keessatti har’a wal ga’anii jiran.

Obamaan erga bara 2017 White House dhiisanii ba’anii qabee sirna guddaa jalqabaa irratti argamuun haasaa ennaa dhageessisan kun ka jalqabaa ti.

Pbamaan bara 2005 yeroo gabaabaaf Maandeellaa waliin wal arganii jiran. Bara 2013 illee sirna awwaalcha isaanii irratti argamuu dhaan haasaa miira namaa dammaqsu dhageessisanii turan.

Mandeellaan sirna apaartaayidii Afriikaa Kibbaa jalatti waggoota 27f mana hidhaa keessa turan. san booda prezidaantii gurraacha jalqabaa kan biyyattii ta’uun filataman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG