Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayden Pensilvaaniyaatti Imalan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden, baajeta Tiriiliyoona lama kan ijaarsawwan akka daandiilee, riqichootaa, tajaajila bishaanii, eletirikii fi caasaalee buufataalee geejjibaaf oolfamu uummataaf ibsuuf jecha har’a gara kutaa Pensilvaaniyaa, magaalaa Pitsbergitti imalanii jiran.

Aangawaan bulchiisa Baayiden gameessi tokko kaleessa gaazzexeessotaaf akka ibsanitti, proojektiileen kun dheerina yeroo gara waggaa saddeetii keessatti hojjetamanii xumuraman.

Proojektoonni investimentii sadarkaa ol’aanaa kun, proojektoota nuti hojjechuu dhiisuu hin dandeenye, jedhan – aangawichi.

Prezidaant Baayideen, baajeta kana guutummaa isaa dilaala Korporeeshinoota irraa galuun baasuuf, kanaaf jecha dilaala Korporeeshinootaa dhibbantaa 21 irraa gara 28tti guddisuuf yaada dhiheessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG