Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Badii Bubbee Hamaan Gesisee Ilaaluuf Jiru


Prezidaantii Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin (Suuraa faayilii)
Prezidaantii Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin (Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin Robii borii gara Keentaakitti imaluun, badii bubbee hamaan torban dabree dhaqqabee yoo xiqqaatee lubbuu namoota 64 galaafatee kanneen biroo kuma hedduu manaa fi qe’e irraa godaansisee ilaaluuf jiru.

Kutaa Keentaakiif labsii yeroo hatattamaa kan mallatteessan Baaydiin akka jedhanti,Iliinooyisiifis waan walfakkaataa gochuuf qophii ta’u ibsan.Kana malees bulchiinsii Baaydiin qabeenyaa jiru mara aangawoota kutaa keentaakii fi kan naannoof akkasumas kutaalee kanneen biroo balaa kanaaf miidhamaniif akka dhiyaatu ajajajuu isaanii ibsan.

Isa mootummaan Fedeeraalaa qabu sana birra dabarree waan hojjatamuu qabuu hedduutuu jira,rwwfuu jalqabnee malee.Garu kana gochuu akka dandeenyuu mirkaneessuuf bulchiitoota waliin hojjanna jedhan Baaydiin.

Baaydiin bulchiitoota kutaaf dhaamsa dabarsaniin, motummaan Fedeeraalaa waan barbaachisuu fi yoom akka barbaadan adda baasuun gargaara jedhan.Isin gargaaruuf yeroo hangam dheeraa haa fudhatu isiinuma bira jirra jedhanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG