Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Uggura Imalaa Ka’an Kaasuuf Jiru


FAAYILII - Namoota imalarra jiran maaskii godhatanii balaliif yeroo hiriira eeggatan, Buufata Xiyyaaraa Deenver, Hagayya 24, 2021
FAAYILII - Namoota imalarra jiran maaskii godhatanii balaliif yeroo hiriira eeggatan, Buufata Xiyyaaraa Deenver, Hagayya 24, 2021

Sababaa vaayrasii haaraa argame Omiikroniin kan ka’e ugguura imalaa biyyoota Afrikaa gama Kibbaa 8 irra ka’an kan turan prezidaant Joo Baaydiin kaasuuf ka jiran ta’u, aangawaa gameessa bulciinsa isaanii tokko dhaabbata oduu Roytarsiif ibsanii jiru

Lammiwwan biyya alaa akka Amerikaa hin seenne dhorkaman kanneen guyyaa 14 dura biyyoota uggurrii imalaa irra ka’amee keessaa turan Muddee 31 kaasee iamaluu danda’uu.

Yunaaytid Isteetes Sadaasa 29 darbee kana kanneen lammiwwan ishee hin taanee martii Afrikaa kibbaa, Botswaanaa, Zimbaabwee, Naamibiyaa, Leseetoo, Eeswatiinii , Mozaambiik fi Maalaawwii irraa sodaa vaayrasii haaraaf jecha akka biyya ishee hin seenne dhorkitee turte.

Dhaabatonni waa’ee fayyaa uummataa kan Yunaaytid Isteetes uggurri kun akka kaafamuuf yaada kan dhiyeessan ta’u fi vaayrsichii heddumnaan kan faca’ee jiruu fi talaaiin Buustar jedhamu gama ittisuun kan bu’a qabu ta’u nutti himan jedhu aangawoonni Amerikaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG