Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydin Bajata Haaraa Dhiyeessan


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin bara dhufu jechuun 2022f kan hojii irra ooluu bajata Doolaara Triliyoona 6 Kongreesnii akka ehamuuf jimaata har’a gaafatan.

Maallaqnii kunis ijaarsa hojii misoomaa kan akka daandiilee, gamoowwanii, madden eneerjii fi kanneen biro akkasumas sagantaalee hawaasaa babal’isuuf oola.Kana malees baasii mootummaa Fedeeraalaa dabaluun dinagdee fi liqaa biyooleessaaf qooduu of keessaa qaba.

Maallaqnii Baajataa gaafatamee kun waggootii dhufan 10 keessatti baajata barbaachisuu tilmaama keessa kan galchee yoo ta’u waggaa 10 booda jechuun bara 2031 Bajata kana gara Doolaara Triliyoona 8.2tti guddisuu kan jedhu of-keessaa qaba jedha Gaazeexaan Neew Yoork Taayimes.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG