Prezidaantiin Yunaaytid Istees Joo Baaydin fi haatii warraa isaanii gara Bafaloo Niiwyoorkitti Kibxata kaleessaa imalanii jiru.Kunis maatiwwan gurrachoota Amerikaa 10 hidhataa tokkoon suupar maarkeetii keessatti ajjeefamaniif kabajaa qaban ibsuuf ture.
Baaydiin midiyaa namoota siyaasaa fi intarneettiin gocha namiicha falaasama warra adii qabu gaggeesse kana facaasan jechuun komatan. Maatiwwan gurrchoota kurnan ajjeefamanii gadda guddaa dubbachuun hin danda’amne keessa kan jiran yoo ta’u ajjeechaa kana namnii raawwatees kallattiin karaa marsaa intarneetti uummataaf dabarsaa ture.
Prezidaant Baaydiin maatii namnii jalaa ajjeefameef cufataan wal arganii jiru.Sana booda immoo addunyaaf haasawaa dhageesisaniin, wannii asitti rawwatame haala salphaa fi kallattii ta’een ibsuuf shoroorkeessuummaa dha.shoroorkeessummaa biyya keessaa fi hokkara jibba irraa dhufe, nama isaan hin fakkaanneen rawwatamee dha.