Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Akka Hoogganaa Ameerikaatti Dawwannaa Jalqabaa Giddu Galeessa Bahaatti Geggeessaa Jiran


Pirezidaanti Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden imala gara iddu galeessa bahatti taasisaniin Kamisa harraa Israa'el jiran, Teela Aviiv, Adoleessa 13, 2022
Pirezidaanti Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden imala gara iddu galeessa bahatti taasisaniin Kamisa harraa Israa'el jiran, Teela Aviiv, Adoleessa 13, 2022

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden erga aangoo qabatanii booda imala isaanii jalqabaa gara giddu galeessa bahatti taasisaniin Kamisa har’aa hoggantoota Israa’el waliin dhimma nageenyaa, waraana Yukireen fi hariiroo Yunaayitid Isteetisii fi Israa’el ajandaa godhachuun mari’ataniiru.

Angawaan olaanaa bulchiinsa Baayiden tokko gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, mariin muummicha ministeeraa Yeroofii Yaair Laapiid waliin taasifamu, labsii waloo kan “Iraan meeshaa niwukilaraa akka hidhattu gonkumaa akka hin hayyamneef waadaa galuu fi sochii Iraan kan tasgabbii dhabsiisu, keessumaa Israa’eliif balaa ta’uu ishee beeksisuu” of keessaa qabu mallatteessuu of keessaa qabaachuu mala” jedhan.

Israa’el waliigaltee sadarkaa addunyaa bara 2015 Iraanii fi garee humnoota addunyaa gidduutti mallatteeffamee fi uggura irraa bilisa baasuuf jecha sagantaa niwukilaraa Iraan daangeesse akkaan qeeqxee turte.

Baayidan yeroo waliigaltichi mallatteeffamu itti aanaa pirezidaantii Yunaayitid Isteetis ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, bara 2018tti Ameerikaa waliigaltee kana keessaa kan baasan pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp turan. Marii kallattiin hin ta’in Veenna keessatti taasifamu dabalatee Yunaayitid Isteetis fi Iraan gara walii galteetti deebisuuf yaaluun dhiheenya kana taasifamaa tureera.

Angawoonni bulchiinsichaa akka jedhanitti gama Yunaayitid Isteetisiin diplomaasii dhaaf balballi banaa dha.

Angawoonni akka jedhanitti, Baayiden fi Laapiid Israa’elii fi Falasxiinota gidduutti “akkamitti furmaata mootummoota lamaanii fiduun danda’amu irrattis ni mari’atu, kunis waan Baayidan jireenya isaanii guutuu itti amanaa” turan jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG