Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Itiyoophiyaa Dabalatee Biyyootii Afriikaa 3 AGOA Keessaa Baasuuf Kan Yaadan Ta’uu Beeksisan


Faayilii - Foreemii 'African Growth and Opportunity Act '(AGOA) Ivoorii Koost, Hagayya 5, 2019.
Faayilii - Foreemii 'African Growth and Opportunity Act '(AGOA) Ivoorii Koost, Hagayya 5, 2019.

Prezidaant Joo Baayiden Itiyoophiyaa Dabalatee Biyyootii Afriikaa Sadii 'African Growth and Opportunity Act '(AGOA) Keessaa Baasuuf Kan Yaadan Ta’uu Beeksisan Akka seera daldalaa kutaa 506A(a)(3)(B)kan bara 1974tti Itiyoophiyaa Giinii, fi Maalii biyyootii uffee sahaaraa gad jiran keessaa bu’aa AGOA kanneen argataa turan keessaa baasuuf yaadan qabu durseen beeksisa jechuu dhaan Prezidaant Joo Baayiden dubbatanii jiran. Yaada isaanii kanas manni maree bakka bu’oota uummataa akka raggaasisuuf dhiyeessanii jiru.

Tarkaanfii kana kan ani fudhadhu Itiyooophiyaa, Giinii fi Maaliin seera AGOA kutaa 104 irra taa’ee isa jiru ulaagaa guutuu dhabuu isaanii ti. Kunis dhiittaa mirga namaa sadarkaa addunyaatti beekame raawwatamuu, Giinii keessaa immoo ol aangummaa seeraaf eegumsi godhamuu dhabuu akkasumas siyaasa ilaalchisee hunda hirmaachisuuf guddinni walitti aanee jiru argamuu dhabuu isaa ti.

Maalii keessaa ol aantummaa seeraa, siyaasa hunda hirmaachisee fi mirga hojjettootaa kan sadarkaa addunyaatti beekkannaa qabu eeguamuu dhabuu isaaakkasumas dhiittaa mirga namaa sadarkaa addunyaatti beekame beeksisuu dhabuu dha. Mootummaa Itiyoophiyaa, Giinii fi Maalii gidduutti mariin cimaan geggeessamu iyyuu, mootummoonni kun yaaddoo Yunaayitid Isteetis ulaagaa AGOA guutuuf walii galtee agarsiisuu dhaban.

Akkuma kanaan, Amajjii 1 bara 2022 qabee Itiyoophiyaa, Giinii fi Maalii biyyoota sagantaa AGOA irraa dantaa argatan keessaa baasuuf yaaduu koon isin beeksisa. Mootummoonni Itiyoophiyaa, Giinii fi Maalii fooya’ina walitti aanu ulaagaa AGOA guutuuf argarsiisu uoo ta’an hordofuu ittin fufa jechuun dhaan prezidaanti Joo Baayiden dubbachuu isaaii White House beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG