Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Prezidaantin Raashiyaa Ka Dubbatan irratti Ibsa Kennan


Prezidaant Joo Baayiden, Bitootessa 28, 2022.
Prezidaant Joo Baayiden, Bitootessa 28, 2022.

Magaala Braaselsii fi biyya poolaand keessatii Walgahiidhaa fi daawwanaa taasisaa kan turaan Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden kaleessaa yemuu Waashingtoonitii deebia’n haasaa wa’ee prezidaantii Raashaa Viladimiir puutiin aangoo gad lakkisuu qabu jedahn irratii ibssa kennaniiru.

Prezidaant Baayiden yemuu guyyoottan sadiif Awuroopaa turaan, keessumaa haasaa Bitootessaa 26 taasisan keessatii > jedahnii turan.

Jechii isaanii kun, Yunaayitid Isteets mootummaa Raashaa jijjiiruu akka barbaaduutti fudhatamee toora diplomaasii irratti dubbatamaa akka ture kan hubatan Joo Baayiden, akkumaa Waashingitoonitti deebi’aniin Jechaa isaanii irratti Ibsa kennaniiru.

Wantii an boodatti deebisaa jiru hin jiru. Dhugaan dhimmichaa, gochaa suukanneessaa Putiin ijoleewwaan yuukreen keessa jiran iraatii raawwachaa jiruuf aarii hamelee natti dhagahamee ibsuu kooti. Akka maati sanaatti of ilaaluu iraan ka’e. garuu ifa gochuun barbaada. Ala sanas ta’e waa’ee imaammata jijjiruu hin dubbanne , ammas dubbachaa hin jiru. Aarii haamilee natti dhagahamen ibsaa ture. Kanaaf dhiifamnii an gaafadhu hin jiru>>

Jedhaniiru.

Haasaan prezidaant Baayden kun Diplomaasii yuunaayitid Isteetsf gaarii akka hin taane xiinxaltoonni himuu isaanii kan ibsee gabaasinn Aniitaa powel kan waabeffate , jaarmiyaa wirtuu Tarsiimoo fi qorannoo adduunyaa irraa Andrewu Lohseen , biyyoottan Awurooppaa warreen michuu Yunaayitid Isteets ta’an Ammii tokkoo jechii rakkinaa dheeresuu danda’uu akkana fayyadamuun akka hin barbaachifne dubbachuu isaanii akka himan gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG