Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Mooskoon Yukireeniin weeraruuf ennaa murteessitu tarkaanfii Ameerikaan fudhachuu maltu gita isaanii kan Raashiyaa Vladimir Putin waliin gama viidiyoon ennaa marii geggeessan dubbataniiru.
Raashiyaan daran Yukireeniin weerarti taanaan Yunaayitid Isteetsii fi michoonni Awrooppaa tarkaanfii dinagdee cimaa fudhachuun deebii kennu jedhan. kana dura kan goone caalaa Yukreeniif meeshaalee waraanaa itti dabalaa ni kennina jedhaniiru.
Kanaaf dubbii hammaataa adeemu kan akkasiif illee michoota keenya NATO kanneen warreen gama bahaa cina jiran, dandeettii itti dabalaa akka qabaatan ni cimsina jechuu dhaan gorasaan naga eegumsa biyyoolessaa Jake Sullivaan White Housetti tuuta oduuf ibsa kennaniiru. Sulivaan akka jedhanitti Baayiden Putiniif filmaata kennaniiru, “Dubbii qabbaneessuu fi diplomaasii” jedhan.
Akka Kremlin-tti, Putin bara 2015 walii galtee Minsk-tti irra ga’ame hojii irra oolchuu ilaalchisee fooya’inni argamuu dhabuu cimsanii dubbatan. Sunis, lola naannoo donbaas kan Yukireen gama bahaa dhaabuuf yaadamee kan ture yoo ta’u, Doonbaas keessatti gochi tuttuqqaa Kyiv akkaan kan isaan yaaddesse ta’uu dubbatan.
Hoogganaan Raashiyaa, NATOn qabiyyee Yukireen to’achuuf yaalii balaa qabu geggeessee jira, kanaaf naannoo daangaa Raashiyaatti waraana isaa walitti kuuse jechuun Kremlin gabaasee jira. Bulchiins Baayiden mormituu isaa waliin wal ga’ii gama viidiyoo ennaa geggeessu yeroo lammataa ta’uu isaa ti. Baatii Onkoloolessaa keessa prezidaantii Chaayinaa Xi Jinping waliin dhimma cimaa ka biroo waa’ee Taayiwaan mari’atanii jiran.
Waaltaa Center for American Progress jedhu irraa Max Bergmann akka jedhanitti Raashiyaan yoo Yukireeniin weerarti ta’ee yoo itti milkaa’uun ishee argame, Chaayinaan haala sana itti dhiyeenyaan hordofti, kanaaf Taayiwaan ilaalchisee tarkaanfii fudhatamuuf jiruuf akka waan qopheen ta’uutti ilaalti jedhan.
Yunaayitid Isteetis dhimmi Taayiwaan ta’uu akka hin dandeenye mirkaneessuuf gama diplomaasii fi mariin tarkaanfii fudhatamuu malu mara ni fudhatti? jechuu dhaan Sullivaan VOA irraa gaaffii dhiyaateef ennaa deebisan, Yunaayitid Isteetis abjuu Raashiyaan Yukireniin weeraruu fi akkasuma dhimma Chaayinaa fi Taayiwaan ilaalchisee dura dhaabbachuuf qophee dha jedhan. kanaaf weerara sana hambisuuf yaaluun amma kaayyoo imaammata keenyaa ti jedhaniiru.