Pezidaant Doonaald Tiraamp, sochii warreen Houtii Yemen keessaa kan Ansaar Allaah jedhamuun beekamu dhaaba shororkeessaa biyyootii alaa gochuun irra deebi’uun moggaasuu isaanii Waayit Haawus beeksisee jira jechuun Rooyiters gabaaseera.
Tarkaanfiin kun gareen Iraan waliin hidhata qabu kun dooniiwwan daldalaa fi doonii waraanaa Yunaayitid Isteetis kanneen keellaalee galaana irraa barbaachisaa ta’e eegan irratti haleellaa isaan Galaana diimaa irratti raawwataniif jecha kan bulchiinsi Baayiden irra kaa’e caalaa adaba dinagdee cimaa kan kaa’u ta’uun ibsameera.
Leelliftoonni tarkaanfii kanaa, yeroon isaa irra darbeera jedhu, xiinxaltooni akka jedhanitti, dhaabbilee gargaarsaa hanga tokko dabalatee kanneen warra Haawtii gargaaru jedhame kamiifuu dhiibbaa qabaachuu danda'a
Sochiin warra Haawutii nageenya biyyattii balaadhaaf saaxilaa jira. Namoota nagaa fi hojjettoota giddu galeessa Bahaa keessaa, nageenya michoota keenya naannoo jiranii fi sabatiinsa daldala galaana irraa balaaf saaxile jechuun Waayit Haawus ibsa baaseen beeksiseera.
Warreen Hawutii Yaman harka caalu to’atan, erga Sadaasa bara 2023 qabee haleellaalee 100 ol dooniiwwan Galaana Diimaa irra deemaa turan irratti raawwataniiru. Kanas lola Israa’el Hamaas Gaazaa keessaa irratti raawwatte ilaalchisee aantummaa Faalisxiinotaaf qaban ibsuuf jecha.
Dooniiwwan lama galaanaan akka liqimsamu yoo taasisan, humnoota galaanaa afur ajjeesaniiru.
Haleellaan kun hojii doonii addunyaa kan jeeqe yoo ta’u, dhaabbileen doonii waggaa tokkoo oliif imala dheeraa fi qaalii ta’e naannoo kibba Afrikaatti irra naanna’anii akka geggeessan dirqisiiseera
Forum