Prezidaantiin Yuunaayitid Isteets Doonald Traamp Roobii dheengaddaa lammilee israa’el wareen too’annoo Hamaas jalaa dhiheenya kana gad lakkisaman keessa wajjin erga wal arganii booda, gareen Yunaayitid Isteets dhaaba Shororkeessatti farajde Hamaas lammilee Israa’el umnaan butee jiru hundaa atatamaan gad lakkisuu baannaan gatii itti baasuuf deemaa jechuudhaan ibsuun isaanii beekameera.
Jechii isaani innii “gatii itti basa” jedhu maala akka ta’e kan oduu gabaastotaan gaafataman Doonald Traamp, namoottan Hamaas jalaa walaba bahan amma tokko wajjin haasa’uu isaaniifi haala sukaneessaa amanamuu hin danda’amne jedhan keessa jiraachaa turuu isaanii akka itti himan dubatanii “ waan ta’uuf deemu ni argiituu’ jedhaniiru.
Dubbii himaan garee Hammas waa’ee namoottan gad lakkisuu irratti ibsaa kennaniin, adeemissi namoottan butamanii too’annoo isaanii jala jiran ittin gad lakkisaman akkataa waligaltee dhukaasa dhaabuutiin qofa jechuun ibsaniiru.
Yunaatitid Isteets garee shororkeesummaatti ramaddee wajjin marii akka hin tasifnee ijjanoo qabaatuus, bulchiinsii Doonald Traamp garuu garee Shororkeesumaatti farrajame Hamaas wajjin akka kalatiidhaan dubbachuuf jiru Traamp mirkaneessaniiru.
Bulchiinsii Doonaald Traamp aangoo addaa preziddantiin qabutti fayyadamuudhaan ittu kongreesitti dhihaatee hin raggaasifamiin torban kana doolaara biiliyoonii Afur Israa’eliif erguun isaa beekameera.
Israa’el Dilbata darbee kaasee gargaarsii namoomaa fi boba’an akka Gaazaa hin seenne karaa gara Gaazatti geesuu hunda cufuun ishee gabasameera.
Forum