Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Isaayaas Afawarqii Biyya Ofitti Deebi’anii Jiru


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afawarqii Dilbata kaleessa daw’annaaf Itiyoophiyaa erga seenanii booda har’a waaree booda gara biyya ofiitti deebi’anii jiru.

Itiyoophiyaa keessa yeroo gabaabaaf kan turan prezidaant Isaayaas aangawoota mootummaa Itiyoophiyaa kan sadarkaa olaanaa waliin sirna baniinsa warshaa shukkaara Omoo akkasumas magaalaa Arbaaminc daw’atanii jiru.

Mummichi ministeeraa Dr. Abiyyii fi prezidaant Isaayaas guyyaa har’a godina Jimmaa saqqaa coqorsaa keessa ka jiru Fincaa’aa ykn ursaa Saqqaa dawwatan.Iddoon kun Magaalaa Jimmaa irraa fageenya muraasa irratti argama.

Jila gamasitti imalee kana keessa mummichi ministeera duraanii Haayla Maariyaam Dassaaleeny fi ministeerri hajaa alaa Itiyoophiyaa Dr. Warqinaa Gabayyoo jira.

Sirna Buna danfisuu kan nannoo jimmaa kan gaggeefame yoo ta’u qabeenyaa godiina Jimmaa calaqiisan adda addaa akka badhaasaatti aangawootaaf kennamee jira.

Mummicha ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad waliin Finfinnee keessatti marii bal’aa gaggeessanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG