Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Dawwannaa Isaanii Kan Awrooppaa Jalqaban


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden Muummicha Ministeeraa Briteern Booris Joonsen waliin wal arganii jiran.
Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden Muummicha Ministeeraa Briteern Booris Joonsen waliin wal arganii jiran.

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden hoogganoota warren dhiyaa ka biroo waliin marii sadarkaa ol aanaa akkasumas prezidaantii Raashiyaa Viladmir Putin waliin kan ittiin wal argan imala isaanii Awrooppaatiin, muummicha ministeeraa Briteern Booris Joonsen waliin wal arganii jiran.

Briteen gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uuf murteessuu ishee kan bulchiinsI Obamaa morme dabalatee, imaammataawwan irratti kan walii hin galle Baayidenii fi Joonsen, attamiin akka mari’atan addunyaan daawwatuuf jira.

Waaltaa Willson-tti daayiriktera sagantaa” Global Europe” jedhamuu kan ta’an Dan Hamilton gama isaaniin hariiroon jiru gaarii hin turre jedhan. Prezidaant Baayiden, Booris Joonsen Doonaald Tramp waliin tokko ittiin jedhanii turan.

Kan ofii isaanii hidda dhalata Irilaand ta’an Baayiden, Briteen gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uun walii galtee bara 1998 Yunaayitid Isteetis qindeessiteef Irilaand gama kaabaaf nagaa buusee kan Briteen irratti hirmaatte miidha yaaddoo jedhu qabu.

Muddamaawwan kun jiraatanis Hamilton akka jedhanitti, hoogganoonni kun dantaa biyya isaaniif jecha hariiroo jiru cimsuuf murannoo qabu. Mootummaan Joonsen biyyoota michoota ta’an lamaan gidduu hariiroo jiru irra deebi’anii mirkaneessuu kan of keessaa qabu tarsiimoo imaammata alaa qindaa’e xiinxalanii jiran.

Baayiden daawwannaa isaanii Briteen roobii kaleessaa kan jalqaban loltoota Yunaayitid Isteetis kanneen maadhee human qilleensaa Mildenhail, Suffok kaassa jiraniif ibsa kennuu dhaan ture. Maadheen waraanaa sun loltoonni Ameerikaa fi Murni human qilleensa Yunaayitid Isteetis 100ffaan keessa jiraatanii dha.

"Miseensonni tajaajila waraanaa fi maatiin isaanii wareegama baasaniif nan galateeffadha, gatiitu nu irra jira, nuti isiiin boonna” jedhan Baayiden. Isin lafee dugdaa kan Yunaatitid Isteetis, ksin loltoota qofaa utuu hin taane, diplomaatotaa fi riqicha walitti dhufeenyaa kanneen ijaartani jedhan. Baayiden guyyoota itti aanan, wal ga’ii biyyoota duroomanii kan G-7 jedhamuu, kan NATO fi gumii gamtaa Awrooppaa irratti ajandaa isaanii beeksisuuf jiru. Prezidaantii Raashiyaa Viladimir Putin waliin illee torban dhuftu wal arguuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG