Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetis Doonaald Tiraampi Taariifa Konkolaataa kanneen Meeksikoo fi Kanaadaa irraa galfaman irratti dhibbeentaa 25 irra kaa’e ture turtii ji’a tokkoof akka dubbatti harkifatu Roobii kaleessaa ajajeera.
Kunis waraanni daldalaa biyyoota olla waliin taasiifamu oomistoota konkolaataa Yuunaayitid Isteetisi gurguddoo sadii miidhuu mala sodaa jedhu irraati. Dubbii himtuun Waayit Haawus Keroolaayin Laaveet akka ibsitetti Pireezidaantichi murtoon Taarifaa kun hojiirra osoo hin ooliin ji’a tokkoof akka turu osoo hin murteessiin dura hooggantoota dhaabbilee oomisha konkolaataa sadii Foord,Jeneraal motoorsii fi Istiilaantis waliin marii taasiiseera jechuun oduu gabaastootaaf ibsiteetti. Itti dabaluunis Tiraampi dhaabbileen oomishitoota konkolaataa kunneen taarifa ykn qaraxa kana irraa ooluuf warshaalee konkolaataa itti oomishan kan Meeksiikoo fi Kanaadaa keessaa qaban gara Yuunaayitid Isteetisitti akka fidan gaafateera jetteetti.
Pireezidaanti Tiraampi Taarifa kanatti kan amanu Ameerikaa deebisanii duuroomsu waan ta’eef , kunis galiin waan guudisanii fi idaawwan keenya kaffaluun gadii buusuu waan danada’aniif jechuun kan ibsite inni murteessaanimmoo carraa hojii gara Ameerikaatti fidudhas jette.
Forum