Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Bakka Hobomboleettiin Miidhe Daawwatan


Prezidaant Doonaald Traamp har’a kutaa North Carolina bakka hobomboleettii hamaa Florence jedhamu mancaaseef tattaaffii baraarsaa rakkisaa geggeessamaa jiru daawwatanii jiran.

Ameerikaan isin waliin gadditii isin wlaiin jirra jechuun Traamp kanneen miidhaan irra ga’eef himaniiru.

Bubbee hamaan Florence jedhamu yoo xiqqaate namoota 35 kan galaafate yoo ta’u magaalaalee North Carolina lolaan irra danbal’iee jira.

Angawoonni kutaa sana keessa jiran martinuu turban kana lolaan itti dabalaa mudachuu mala jechuun akeekkachiisan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG