Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Harraa Haasawa Dhageessisuf Jiru


Kanneen torbanneen lamaaf duraa-booda geggeessaman Korawwan Biyyaalessaa Paartiilee guguddoo Yunaayitid Isteetis lameenii, kaadhimamtoota dorgommii prezidaantummaa kan kan ofii raggaasifachuuf, har’a galgala haasawa prezidaant Traamp dhageessisaniin goolabama.

Prezidaantichi mooraa Waayit Haawus ka gama Kibbaa irraa haasawa isaanii ka dhiheessan yoo tahu, itti-aansee immoo, Dirre Waayit Haawusii fi Waajira Mana-maree gidduu jiru, ka “National Mall” jedhamu irraa, xaaxeen ibiddaa ka dhukaafamu tahuun himamee jira.

Kora biyyoolessaa Paartii Ripaabilikaanii har’a galgala xumuramu irratti kan haasawa taasusuuf deeman hoogganaan paartii sagalee Yayyabaa – Michi Mikaanel, Seneetar Toom Koton, Hoogganaa Paartii sagalee xiqqaa – Keevin Mikkaartii fi Mucayyoo Prezidaat Traamp – Ivaankaa faa tu jira jedhama

Kora Paartichaa, kaleessa galgalaa irratti immoo oduu dhaa booda gabaasaa qabna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG