Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Waliin Yeroo Lammataa Wal Arguuf Jiru


Prezidaant Doonaald Traamp yeroo dhiyootti hoogganaa Kooriyaa kaabaa waliin yeroo lammataa wal arganii mari’achuuf kan jiran ta’uu beeksisan.

Gumii tokkkummaa mootummootaa irratti har’a kana kan dubbatan Traamp, bulchiinsi isaanii Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee fooya’ina guddaa argamsiisuu isaa illee tuqaniiru. Hariiroon Kooriyaa kaabaa waliin jiru baay’ee gaarii dha kan jedhan Traamp waa hedduunis fuula duratti ta’uuf jira jechuu dhaan marii fuula duraa maqaa dha’uun dubbataniiru.

Kim biraa Traampiif xalayaa dhiyoo ergame illee tuquu dhaan hoogganaan Kooriyaa Kaabaa yeroo lammataa akka wal argan gaafataniiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG