Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Yeroon Taarifa Itti Baasan Baatii Tokkoon Haa Dheeratu Jedhan


Prezidaantiin US Doonaald Traamp taarifa alluuminiumi fi sibiila gamtaa Awrooppaa, Kanaadaa fi Meexikoo irra kaa’ame yoo xiqqaate baatii tokko itti dabalaaf akka hin baafne beeksisaniiru.

Taarifa yeroof akka hin baafne tursuun kan akka biyyootii China, Japan fi Raashiyaaf tolfame har’a dhumata.

White House akka jedhetti garuu guyyoota 30f akka dheeratu mari’ataa jiraachuu beeksise.

Komiishinni Awrooppaa yeroo kana yeroo murtaa’eef dheeressuu ibsa baaseen qeequu dhaan gamtaan Awrooppaa dhimma kana irratti mari’achuuf qophee ta’uu beeksisee doorsisaan garuu mariif gad hin taa’u jedhee jira.

Murtiin US kan duruu daldala miidhe haalli gabaa addunyaa oliif gad akka ta’u yeroo isaa dheeressa jedha ibsi sun. Gamtaan Awrooppaa dhaabbataa dhaan taarifa kana irraa walaba ta’uu qaba akka Ameerikaan jettu taarifi kun attamiin nageenya biyyaaf balaa ta’a jennee hin yaadnu jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG