Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Keniyaa Duranii Kibaakiin Du’an Boqotan


Prezidaantii Keniyaa Duranii Mwaaii Kibaakii Ebla 9, 2013 sirna waadaa galuu Uhuruu Keeniyaataa irratti.
Prezidaantii Keniyaa Duranii Mwaaii Kibaakii Ebla 9, 2013 sirna waadaa galuu Uhuruu Keeniyaataa irratti.

Keniyaadhaaf prezidaantii 3ffaa ta’uun bara 2002 hanga bara 2013tti jechuunis waggootii 11f kan hojjatan Mwaaii Kibaakii umrii isaanii 90tti du’an boqotanii jiru.

Prezidaantiin Keniyaa Uhuuruu Keenyaattaa du’a Kibaakii Jimaata har’a kan labsan yoo ta’u Kibaakiin itti gaafata sivilii irra turee milkeessuun goota fakkeenyaa gaarii kan dhalattoota Keeniyaa gara fuula duraa jajjabeessuu ta’uun itti fuufa jedhan.

Kibaakiin gara aangootti ennaa dhufan malaamaltummaa faccisaa akkasumas dinagdee Keniyaa jijjiirra jedhanii turan. prezidaantiin keenyaattaan, Kibaakiin biyyatti keessatti jijjjirama argamsisaniiru jechuun galateeffatanii jiru.

Kibaakiin marsaa lamaaf aangoo prezidaantummaa irra eega turanii booda, kan bara 2013 filataman Keenyaataaf aangoo dabarsanii kennuun siyaasa keessaa soorata ba’an.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG