Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Duraanii Jaaqob Zuumaa Harka Kennan


Prezidaantii Afrikaa Kibbaa Duraanii Jaaqob Zuumaa (Suuraa faayilii)
Prezidaantii Afrikaa Kibbaa Duraanii Jaaqob Zuumaa (Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Afrikaa kibbaa duraanii Jaaqob Zuumaa adabii hidhaa ji’a 15nii jalkabuudhaaf haangahotaati harka kennaniiru.

Jaakob Zuumaa bara 2009 hanga 2018 waggaa sagaliif yemmuu Afrikaa kibbaa hogganaa turan, qaamoolee mootumaa keesatii malaan- maltumaadhaa fi saamicha godhamaa tureef himatamanii akka qoranootii dhihaataan gaafatamaa turan.

Himanna isaanii irraatii dhihaatee mormuudhaan qorannootti dhihaachuu kan didaa turaan Jaaqobi Zuumaa irrati manii murti heeraa Afrikaa kibbaa torban darbee akka adabaman murti dabarse.

Nama wagga 79 kan ta’an Jaaqob Zuumaa bittaa xiyyaara waraanaa, bidiruwwan umna galaanaa biyyati fi meeshaalee waraanaa jarmiyaalee awuroopaa warraa meeshaa waraan omishuu wajjin walqabaatee malafi maltummaa umaamee fi akkasumas qarshii sobaa maxxansuudhaan himana hedduutuu isaan eegataa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG