Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Vaayrasii Koronaan Qabaman  


Prezidaantii Afrikaa Kibba Siriil Raamaafosaa (suuraa faayilii)
Prezidaantii Afrikaa Kibba Siriil Raamaafosaa (suuraa faayilii)

Umriin isaanii 69 kan ta’e Prezidaantiin Afrikaa Kibba Siriil Raamaafosaa Dilbata kaleessaa vaayrasii KOOVIID – 19n qabamuun beekamee jira.Mallattoon irraa mul’atuus hamaa akka hin taanee waajirri prezidaantummaa beeksisee jira.

Prezidaant Raamaafosaan du’aan kan boqootan itti aanaa prezidaantii Afrikaa Kibba duraanii kan FW Dekleerk sirna gaggeessaa kaleessa ta;eef irratti argamanii eega deebi’anii booda fayyaan natti hin dhaga’amuu jechuu isaanii ibsii ba’e hubachisee jira.

Raamaafosaan aguuggii afaanii fi funyaanii ka’achuun haasawaa dhageesisaniin, FW Deekleerk bara bulchiinsa sab xiqqaalee warra adii sana mariin gaggeeffame xumuura akka ga’uuf gargaaran jechuun galata dhiyeessanii turan.

Guutuummaatti talaalii kan fudhatan Raamaafosaan, magaala Keep Taawoon keessatti adda of baasanii kan jiran yoo ta’u, itti gaafatama jiru hundumaa torban kanaaf itti aanaa itti aanaa isaanti kennan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG