Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Amerikaa fi Koriyaa Kaabaa Marii Jalqabu Jedhamee Eegamaa Jira


Prezidaantiin Yunaaytid Istetes Donaald Traamp fi giti isaanii kan koriyaa kaabaa Kim Jong Un waliin walgahii seena qabeessa eega gaggeessanii booda Kibxata borii galgala singaapor irraa kan ka’an ta’u waayit Hawuus gabaasee jira.

Mariin prezidaantoota Amerikaa fi kan koriyaa kaabaa giddutti gaggefefamuuf jiru kun yeroo eegamaa ture caalaa ariitiin dhaqqabaa jira.

Ibsii Waayit Haawuus baase akka jedhutti Traamp gita isaanii kan koriyaa kaabaa waliin qofaatti kan dubbatan yoo ta’u turjuumaana qofatu isaan waliin jira.

Sana booda Laaqana nyaataa itti fufanii booda irra ministrii dantaa alaa Amerikaa Mike Ompeo, dura ta’aa ajajoota waraanaa Joon Kellii fi gorsaa nageenya biyooleessaa Jaan Bolton dabalatanii marii gam lameenii gaggeessu.

Dhuma irratti prezidaant Traamp singaapoor ituu gadhiisanii hin ba’iin dura tuua oduuf ibsa kennuu jedhama.Ba’iin marii kanaa maal iyyu haa ta’u sagantaa nukleeraa koriyaa kaabaa fi kan misaa’eela Baalstiik irratti xumuura fida jedhu aangawoonni Amerikaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG