Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Braazil Himatamuuf Jiru


Prezidaantii Braazil Jaayer Bolsonaro (Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Braazil Jaayer Bolsonaro weerara vaayrasii Koroonaa ittisuuf hojii sirritti ta’e hin hojjanne kan jedhu, himannaan yakkaa akka dhiyaachuuf jiru koreen seeneeta Braaziil gabaasa baaseen hubachisee jira.

Braazil keessatti namoota kuma 600 caalantu dhukkuba KOOVIID-19n dhume.

Wixineen gabaasaa Seenatar Renaan kaalherosiin qophaa’ee fi fuula 1200 ta’u qabu kun, Bolsanaroon bu’aa qubsaa akka hin agarsiifne ituu beekamuu tooftaa deggersa saayinsii hin qabnne gargaaramuu, akkasumas bittaa talaalii duubatti harkisuu kan jedhu of-keessaa qaba.

Kana malees vaayrasiin koroonaa Braazil keessatti akka faca’uu gochuun uummanni dandeetti qaamnii isaa dhukkuba of-irraa ittisuuf qabu akka gad bu’u gochuun, dhukkubichi daran akka hammaatu taasiisan kan jedhu keessatti argama.

Kanaafis dhala namaa irratti yakka rawwachuu, ragaa dhoksuu fi hokkara kakaasuu kan jedhuun akka himataman gabaasnii ba’e hubachisee jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG