Magaala gudicha biyya keeniyaa Naayiroobii keessatti namoottan dhibbaataman Lakkawaman Dilbata kaleessa daandii irratti ol bahuudhaan namoottan hiriira mormii torban darbe taasifamee keessatti lubuu isaanii dhaban yaadatanii jiru. Akka gareewwan mirga namoomaa jedhanitti, hiriiraa mormii sana irratti namoottan hirmaatan keesaa 30 kan ta’an tarkaanfii umnoottan mootummaa fudhataniin ajjefamaniiru.
Prezidaantii Keniyaa Wiliyaam Ruutoo, dhabilee miidiyaa biyyatti irratti bahudhaan ibsa kennaniin namoottan du’an 19 ta’uu isaanii ibsaniiru. Ruutoon gaafiifi deebii Televijiinii Keeniyaa waliin Taasisaniin, “harka koo irraa dhiignii hin jiru” jedhanii, duutii namoottanii akka gaddisisaa ta’eefi qorannoon taasifamee bu’iin isaa akka ifa taasifamuu beeksisuun isaanii gabaasameera
Forum