Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Keeniyaa, Wiiliyaam Ruutoo Kaabinee Ministarootaa Isaanii Diiguu Beeksisan


Prezidaantiin Keeniyaa, Wiiliyaam Ruutoo, Naayiroobii, Adoolessa 11, 2024.
Prezidaantiin Keeniyaa, Wiiliyaam Ruutoo, Naayiroobii, Adoolessa 11, 2024.

Keeniyaa keessatti torbanootaaf mormii labsii daballii gibiraa fi dhabamuu bulchiinsa gaarii ture hordofee Kamisa har’aa Pireezidaantiin biyyattii Kaabinee mootummaa isaanii hundaa diiguu ifoomsaniiru. Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Kamisa har’aa akka ifoomsanitti Ministiroota Kaabinee isaanii hundaa diiganiiru. kaabinee mootummaa haaraa akka hundeessanis waadaa seenaniiru. Mormii daballii gibiraa fi rakkoo bulchiinsa gaariin wal qabatee torbanoota Keeniyaa keessa ture hordofee murtoon kan dhufe yommuu ta’u torban darbe manni maree Amantoota warra Kiristiyaanaas pireezidaantichi Kaabinee isaa akka diiguuf waamicha dhiyyeessaniifii ture.

PireezidaantI Wiiliyaam Ruutoo ergaa Teeviziyoonaan dabarsaniin Abbaa alangaa walii galaa biyyattii hojiirraa arii’uu fi hanga ministiroonni haaraan muudamanitti hooggantoonni mana hojii ministiroota Sanaa bakka isaanii bu’uun akka hojjetanis ibsaniiru. Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga Uummata dhaggeeffanee fi marii bal’aa taasifneen booda kan jedhan Wiiliyaam Ruutoo mootummaan bu’uura bal’aa qabu akka hundaa’us irratti walii galuu ibsaniiru.

Moormii Keeniyaatti labsii daballii gibiraa sababeeffachuun jalqabe, boodarra Wiiliyaam Ruutoo aangoo akka gadhiisu kan gaafatame, gaafa Waxabbajjii 25 immoo gara paarlaamaa biyyattiitti seenuun kan jeeame dabalatee walumaa galatti torbaanota Saddiif ture keessatti namoonni 30 ol ajjeefamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG