Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Masrii Aangoo Gadhiisan !


Hiriira mormii guyyaa 18 dooda, prezidaant Hosni Mubarak aangoo gadhisuu isaanii kan labsan itti aanaa isaanii Omar Suleeman, humnootiin waraanaa kan biyyatti aangoo qabachuu isaa beeksian.

Mr.Suleeman Teleeviziyoona biyyatti irratti kana yeroo labsan, hiriirtonni kuma dhibba hedduun kanneen waltajji Tahriri irratti wal ga’an gammachuu guddaan guutaman,dhaadatan alaabaa biyya isaanii mirmirsan.


Har’a gara ganama dhaabbatonni oduu maqaa aangawootaa dhahuun akka dubbataniitti, Mr Mubaarak kaayiroo gadhisanii mana jireenya isaanii kan bakka bashannaana galaana dimaa Sharm El-Sheikhti qajeelan jedhan.

Jimaata har’a hiriirtonni guutummaa magaala kaayiroo keessaa fi magaalaalee biyyatti ka biroo keessa facaa’anii turan. Kunis kaleessa galgala prezidaant Mubaarak aangoo kan hin gadhiifnee ta’uu eega labsanii booda.Garu,Walitti qabamni uummataa kun ituu hin yaadamiin gammachu akka tasaatti argameen liqimsame.

Hiriirtonni biilsaalee Raadiiyoo fi Televiziyoona mootummaa akkasumas mooraa teessoo mootummaa kan handaara magaalaa kaayiroo jiru marsanii oolan. Alexanderiyaa fi Swees akkasumas iddoo biraattis hiriiranii turan.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG