Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Masrii Dhimma Hidha Abbayyaa Ilaalchisee Walii Galtee Uummachuuf Jabuutii Seenan


Faayilii - Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah el-Sissi
Faayilii - Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah el-Sissi

Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah el-Sissi falmii dhimmi bishaanii geggeessamaa jiru ilaalchisee yaalii diplimaasummaa itti dabalaa akkasumas wal ta’iinsa Afriikaa uummachuuf jecha gita isaanii waliin mari’achuuf jecha Jabuutiitti argamu.

Kurnaawwan keessatti prezidaantiin Masrii hoogganuu ennaa gaanfa Afriikaa daawwatu ka jalqabaa ti.

El Sisiin waa’ee hariiroo biyyoota lamaanii, kan akka waraanaa fi hariiroo daldalaa ilaalchisee ennaa daawwannaa seena qabeeaa kanaa prezidaantii Jabuutii Ismaa’el Guelleh waliin mari’atu jedhamee eegama jechuun ibsi waajjira prezidaantichaa biraa ba’e beeksisee jira.

Daawwannaan kun kan dhaga’ame, gam tokkoon Masrii fi Sudaan gidduutti gam kaaniin immoo Itiyoopiyaa waliin hidha laga Abbayyaa doolaara biliyoona $4.6 fixe irratti muddamni jiru hammaatee jirutti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG