Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naayjeeriyaa Bookoo Haraam Injifatamaa Jira Jedhan


Gareen Bookoo Haraam Naayjeeriyaa Kaaba gama bahaa keessaa ba’aa, uummati qe’ee fi qonnaa isaaniitti deebi’aa waan jiraniif jireenyi biyyattii keessaa keessaa fooyya’aa jiraachuu prezidaantiin Naayjeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii beeksisaniiru.

Buhaariin Wixata gara galgalaa VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin akka jedhanitti lammiiwwan Naayjeeriyaa kanneen sodaa Bookoo Haraamiif jecha kutaa Kaaba gama bahaa keessaa baqatan qe’ee isaaniitti deebi’uu dhaan qonnaa ofii qotachaa jiru jedhan. Mootummaanis liqaa dhala gad aanaa kennuu dhaan gargaaraa jira jedhaniiru.

Buhaariin akka jedhanitti bara 2015 ennaa aangootti dhufan gareen Islaamummaa kun kutaa Boornoo irra jireessa to’atee ture. Hamma garuu jedhan Buhaariin mootummoota naannoo kamiinuu to’atanii hin jiran jechuu dhaan waraana wabeeffachuun dubbatan.

Bookoo Haraam Naayjeeriyaa Kaaba gama bahaa fi biyya hollaa Kaameeroon keessa sosso’aa kan jiru ennaa ta’u humnoonni Naayjeeriyaa dabalatee humnoonni gamtaa biyyoota wal ta’anii waan itti duulaniif akkaan dadhabee jira.

Buhaariin VOAf ibsa kan kennan prezidaant Doonaald Traamp waliin White House keessatti erga wal arganii sa’aatilee xiqqoo booda ture. Kan waa’ee biyyoota Afriikaa yaada gaarii hin ta’in kennuun qeeqaman Traamp waliin kan wal argan hoogganaa biyyoota huffee Sahaaraa gadii kan jalqabaa ti Buhaariin.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG