Xurree ittiin seenan

Breaking News

prezidaantiin Naayjeriyaa Filannoo Gaggeefameen Dursaa Jiru


Filannoon marsaa biraa akka irra deebi’ee hin gaggeefamne gochuuf prezidaant Jonaatan caalmaa sagalee hanga tokko fi kutaalee 36 keessaa 24 keessatti sagalee uummataa yoo xiqqaate nuusa tokko argachu qabu.

prezidaant Jonataan filannoo kana kan injifatan fakkaata.Ba’iin filannoo ituu hin labsamin dura Yaadi uummataa funaaname akka agarsisuutti,prezidaant Jonatan dorgomaa isaanii kan ta’an hogganaa waraanaa duraanii Muhammadu Buhaari akka caalan tilmaamee ture.

Biyyatti gama kaabaa magaalaa Kaadunaa fi Kaanoo keessatti hokkarri ka’eera.Iddoon kun maadhee jabaa kan Buuhaari ta’uun beekama.Uummanni iddoo kana jiru ba’ii filannoo labsameen mufatanii gommaa, kokolaataa fi biilsaalee guban.

Sanbata darbe Buhariin akka dubbataniitti wirtuulee filmaataa keessaa, gabaasaaleen dhiyaatanadda addummaa qabaachu ilaalchisee gammachuu hin qabu jedhan. Paaartiin isaanii CPC.n ba’ii filannoo kana falmuuf ka jiru ta’uus ibsan.

MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG