Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Raashiyaa fi Kan Chaayinaa Torban Dhuftu Uzibekistan Keessatti Wal Arguuf Jiru


FAAYILII - Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Putin fi prezidaantiin Chaayinaa Xu Jinping, Yaa'ii BRICS Braasiiitti geggeeffamee ture irratti, Sadaasa 12, 2019
FAAYILII - Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Putin fi prezidaantiin Chaayinaa Xu Jinping, Yaa'ii BRICS Braasiiitti geggeeffamee ture irratti, Sadaasa 12, 2019

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Putin fi prezidaantiin Chaayinaa Xu Jinping Uzibekistan keessatti gumii torban dhuftu geggeessamu irratti kan wal argan ta’uu angawaan Raashiyaa tokko ibsaniiru.

Chaayinaatti Ambaasaaddera Raashiyaa kan ta’an Andree Denisoov tuuta oduuf ibsa kennaniin hoogganoonni lamaan Fulbaana 15-16 magaalaa Uzbeek Samaarkaandiitti kan geggeessamu gumii wal ta’iinsa dhaabotii Shaangaay irratti argamuuf jiru.

Guyyoota kudhan yeroo hin ta’in keessatti wal ga’iin hoogganootaa keenyaa gumii Samarkaand keessatti geggeessamutti geggeessamuuf jira, sanaafis dammaqinaan irratti qopahaa jirra jecchu dhaan Dnisoov maqaa dhaq’uu dhaan dhaabbanni oduu Raashiyaa Tass beeksisee jira.

Daawwannaan Uzibekistan kun geggessamnaan, waggoota 2 fi walakkaa keessatti Xi-n dawwannaa biyyootii alaatti geggeessan ka jalqabaa ta’a. Sabaa himaan Raashiyaa Xi-n gumiin Uzibekistan utuu hin ga’in dura Kazaaakistaaniin daawwachuuf karoorsu isaanii gabaasee jira, garuu gabaasaaleen sun hin mirkanoofne.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Chaayinaa Naa’oo Ning waa’ee imala Uzibekistan gaafatamanii as irratti yaadan kennu hin qabu jedhan.

Putin fi Xi-n yeroo dhumaaf kan wal argan baatii Guraandhalaa keessa Beejink keessa Kiremilin Yukireeniin weeraruu torbanneen hanga tokko dura ture. Prezidaantonni lamaan hariiroon gam lamaan gidduu jiru daangaa kan hin qabne ta’uu walii galtee mallatteessanii jiran. Mooskoon Yukireen irratti duula waraanaa geggeessuuf ennaa karoorsitetti Xi-n beekuu fi dhiisuun isaanii waan beekame hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG