Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Sudaan Duraanii ICCtti Akka Dabarfaman Kaabineen Sivilii Kan Biyyattii Murteesse


Ministrittiin dhimma alaa Sudaan Mariam Sadiq al-Mahaadii kana kan labsan abbaa alangaa muummicha ICC Karim Khaanf waliin Kaaruum keessatti kibxata kaleessaa wal arganitti ture.
Ministrittiin dhimma alaa Sudaan Mariam Sadiq al-Mahaadii kana kan labsan abbaa alangaa muummicha ICC Karim Khaanf waliin Kaaruum keessatti kibxata kaleessaa wal arganitti ture.

Kabineen Sivilii Sudaan prezidaantii biyyattii duraanii Omar al-Bashir fi angawoota mootummaa duraanii himannaa fixiinsa sanyii, yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa irratti dhiyaateen mana murtii yakka qoratu kan addunyaatti dabarsuuf qophee ta’uu dhaabbati oduu Sudaan VOAf ibsee jira.

Ministrittiin dhimma alaa Sudaan Mariam Sadiq al-Mahaadii kana kan labsan abbaa alangaa muummicha ICC Karim Khaanf waliin Kaaruum keessatti kibxata kaleessaa wal arganitti ture.

Kaabineen sun angawoota barbaadaman ICCtti dabarsee kennuuf murteessuu Mahaadii maqaa dha’uu dhaan sabaa himaan mootummaa beeksisee jira. AFP fi CNN dabalatee dhaaboliin oduu hedduun namoonni kun mana murtichaatti akka dabarfaman gabaasaniiru, garuu yeroon murtaa’e hin gabaafamne.

Rooyiters akka gabaasetti abbaan alangaa muummichi kan ICC tarkaanfiin namoota kana mana murtiichaatti dabarsanii kennuu akka saffisu angawoota Sudaan waliin mari’atanii jiru. Namoonni kun jalqaba bara 2000 keessa Darfur keessatti fixiinsa sanyii raawwatan jedhamuun himataman. Prezidaantiin duraanii Bashir, waggoota 30f Sudaaniin erga bulchanii booda bara 2019 aangoo irraa fonqolchaman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG